HAMDI MOHAMED HOGGANTUU WADABA SEATTLE TA’UUF

Anin haadha tiyya jiruuf jecha dalagaa SeaTac ka naannesitu laalaa guddadhe. Yeroo ijoollummaa irraa, bu’aa jabaatanii dalaguu, kutannoo fi tajaajila hawaasaa baradhe. Bu’aalee sanniin qabadhee dhufee, yeroo Miseensa Mana Marri Paramila Jayapalii dalagaa ture san, hawaasota keenna barsiisuu fi akka dhimmi ummataa seera godhatuuf gargaaraa ture. Dandeettii ummataa mormuu fi hogganummaa kiyyaan, doolaara miiliyoonotatti lakkayaman ummata hambisuu fi daldaltootaa akka oolu godhaa ture. Muuxannoma kanniiniin, gorsituu baqattootaa fi godaantota King County ta’ee dalagaa jira. Amma ammoo, bu’aalee kanniin gara Hoggansa Wadaba Seattle fiduu fedha. Sadarkaa naannootii fi federalaatti maatii fi daldala didiqqaa gargaaruuf tajaajila ummataattif muradhe. Covid-19 hinjifataa, Wadabni akka maatii isaanii dalagu ka akka malee dhukkuba kanaan miidhaman akka isaan irraa dandamatanii fi jabaatan gargaarsa godhuu qabna. Danddeettii woggoota kudhanii oliitii fi muudama barmootaa University Washington irraa argadheen, qabxiilee fuulduree ta’an asii gadii kanniin qolactuuf qophaayee jira.

HANGAFOOLEE

DIINAGGEE DAGAAGSUU

Duraan dursee, namnoota hawaasa keenna keessa jiran cufaa gargaarsaa kennuu fi akka isaan hiree jiru mara irraa qooda fudhatan godhuu. Covid-19n jeequmsa hawaasa keenna keessatti waan uumeef, dalagdoota, daldala didiqqaa, dalagdoota dhuunfaa fi warra gaarii waliin yaabbatan gargaaruuf tarkaanfii fudhatuu qabna. Dalagaa uumuu, sagantaa dalaydootaa fi dandeettii dalaydootaa fooyyessuuf kutadhee jira. Daldaltoota didiqqaa gargaaruun Wadabatti akka namni kamuu hirmaatu godhuun furtuu galii keennaati. Akka dalaydootni keenna dalagatti deebi’an waan dandeennu cufa godhuu fi diinagdee maraaf ta’u irratti dlaguu qabna.

SEERA NAANNAWAA FI MAGAALOTA WADABAA

Akka jiraattuu umrii dheeraa Kibba King Kawuntiitti, magaalotni keenna ka naannoo Wadabaa rakkoo isaan keessa jiran hin beeka. Warreen Dirreelee Xayyaaraa araatni isaanii biyya keennatti guudaa ta’e irraa tokkotti kaluu qubatuun, rakkoo iyyaansi fidu, ka aarri qilleensa balleessu fi heddumni gaarii hawaasa kennaaf akkaan rakkisaa’a. Sadarakaa naannoo fi federaalaatti qormaatni meeshaa ammee fooyyessu fi furmaata fayyaa fi jabinaa maatii keennaa akkasuma daldalaa fi dalaydootaaf bu’aa qabu akka godhamu yaada gaarii dhiyeessuuf muradheera.

NAGAYAA FI WADABA NAMA HARKISSU

Wadambi SeaTac nammota Godina keenna qubatanii fi daawaataniif bakka seensaati. Namni Wadab dhufu kamiyyuu akka nagayaa fi sodaa tokko malee dhufee deemu godha. Balaan ilma namaa daldaluu akka dhabamu, mirga dalaydoota godaantotaa, qubattootaa fi daawwattotaa akka eeggamu godhuuf kuttadhee jira. Mirgi walabaa, dagaagini diinaggee fi nageenni biyyatti xaxoo sodaa siyaasaatiin uumameen alatti fooyya’uu danda’a.

DALAYDOOTAA FI QUBATTOOTA DURSUU

Mootummaa (Wadaba) qulqulluu fi nama maraa akka ta’u godhuun duree kiyya. Kunin ammoo, seera hawaasni qooda irraa qabu ka akka daldala didiqqaa, ka waa gurguratan, kireeffattoota, dalaydoota Wadabaa fi ka as jiraatu mara, ka akka dargaggoota, namoota qaamaan hir’dhuu fi Gurraacha, abbaa lafaa, ummata gosaa fi bifa adda addaa dabalatee akka itti hirmaatan godha. Duratti ammoo, namootni qaamaan hir’dhuu fi warreen aadaa fi afaan gara garaa qabanis seenuu fi bayuun isaanii mijjatu godha.

ITTI HIRMAADHAA
ODEEFFANNOOF ASITTI GALMAAYAA:

 

Hamdi - Port Commission, Position 3
         

Mailing Address:

Friends of Hamdi

P.O. Box 69383
Seatac, WA 98168

Paid for by friends of Hamdi

designed by CMD

Pitch in Today

Please donate whatever you can afford to support our port for the people campaign